Aadde Warqinesh Beegii, hundeessituu dhaabbata gargaarsaa | TARKAANFI SUSTAINABLE DEVELOPMENT (TSD) ➡️Magaalaa Olonkomii keessatti dhalattee, Finfinnee keessatti guddatte. Barumsa sadarkaa tokkoffaa Finfinnee keessatti hordofuun, Kolleejjii Barsiisotaa Kotobee seentee ogummaa barsiisummaa laphee isheetiin jaallattu baratte. Eebbifamtee dhaloota egeree qaruuf ga'umsa horatte. ➡️Kaarikulamii barnootaa madaksuu fi qopheessuu keessatti gahee olaanaa qabdi. Dhaloonni afaan isaatiin akka baratuuf, qophii fi maxxansa kitaabota Afaan Oromoo keessatti maqaan ishee tarree duraa irratti argama. ➡️Aadde Warqinesh, Metropolitan State University, Minnesota keessatti damee Community Development barachuun beekumsa ishee daran cimsatte. Turtii keenya har'aatiin; ✅Seenaa fi muuxannoo jireenya isaanii ✅Miidhaa shamarranii fi dubartoota irra ga'u akkamitti akka hambisuu dandeenyu ✅Dhimmoota gargaarsan wal qabatan ✅Diiggaa gaa'elaa fi furmaata isaa dabalatee wantoota hedduu irratti mari'annee jirra; Itti dhiyaadhaa! Kaameettii Podcast on OBN TV 📺 Tune in to Kaameettii Podcast on OBN TV! Bringing you insightful discussions on culture, history, society, arts, psychology, economics, and technology—empowering voices and inspiring change. 🔔 Subscribe to our YouTube Channel: https://youtube.com/@Kaameettii_Podcast?si=B09h6x2D-rexKJY4 📱 Follow us on social media: 👉 Facebook: https://www.facebook.com/share/1Dpgmd4rGe/?mibextid=wwXIfr 👉 TikTok: https://www.tiktok.com/@kaameettiipodcast?_t=ZM-8uWMJnyZnrZ&_r=1 👉 Instagram: https://www.instagram.com/kaameettiipodcast?igsh=MW0yMDhnZmk3MnlyZQ%3D%3D&utm_source=qr 👉Telegram: https://t.me/kametipodcast POWERED BY Meri Dida Promotion Finfinnee Oromiyaa @2026