
Yewudaar Li'uul ogeettii tiyaatiraati, barreessituu kitaabaa fi director fiilmiiti. Kitaaba Bu'uuralee Tiyaatiraa jedhu akkasumas asoosama mata dureen isaa WAADAA jedhu afaan ingiliffaa irraa gara afaan Oromootti hiikuun dubbistootaaf dhiyeessitetti. Akkasumallee Diraamaa walitti fufaa mata dureen isaa WAADAA jedhu kan kutaa 13 qabu barreessitee qajeelchuun karaa DSTV uummata bal'aa qaqqabsiisteetti. Amma immoo Tiyaatira seenaa, Aadaa fi duudhaa Oromoo ganamaa ibsu addatti maalummaa SIINQEE kan balballoomsu kan mata dureen isaa SADDEETA jedhu barreessiteetti. Tiyaatirri kun yeroo ammaa kanatti dilbata sa'aatii 8:00 irratti mana tiyaatiraa Hagar-fiqiriitti agarsiifamaa jira. Maree keenya har'aatiin ✅waa'ee fiilmii, diraamaa fi kitaabaa ✅waa'ee taatummaa ✅guddinaa fi tarkaanfii Artii Oromoo irra jiruu fi maal ta'uu akka qabu dabalatee wantoota hedduu kaasnee mari'annee jirra. Itti dhiyaadhaa! Subscribe taasisuun maatii Kaameettii ta'aa! Jaallattanii waan nu hordoftaniif galanni keenya guddaadha! Kaameettii🌟🌟🌟 Kaameettii Podcast on OBN TV 📺 Tune in to Kaameettii Podcast on OBN TV! Bringing you insightful discussions on culture, history, society, arts, psychology, economics, and technology—empowering voices and inspiring change. 🔔 Subscribe to our YouTube Channel: https://youtube.com/@Kaameettii_Podcast?si=B09h6x2D-rexKJY4 📱 Follow us on social media: 👉 Facebook: https://www.facebook.com/share/1Dpgmd4rGe/?mibextid=wwXIfr 👉 TikTok: https://www.tiktok.com/@kaameettiipodcast?_t=ZM-8uWMJnyZnrZ&_r=1 👉 Instagram: https://www.instagram.com/kaameettiipodcast?igsh=MW0yMDhnZmk3MnlyZQ%3D%3D&utm_source=qr 👉Telegram: https://t.me/kametipodcast POWERED BY Meri Dida Promotion Finfinnee Oromiyaa @2026